Fana: At a Speed of Life!

Torban dhufu keessa kutaaleen biyyatti irra jireessi roobni gadi aanaa hanga giddugaleessaa ni eegama

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Torban dhufu keessa kutaaleen Ityoophiyaa irra jireessi rooba gadi aanaa hanga giddugaleessaa ni argatuun kan eegamu ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Ityoophiyaa beeksise.
Inistiityuutichi akka eeretti, guyyoottan 10’n darbanitti Wallaggaa Lixaa, Qellem Wallaggaa, naannawaa Iluu Abbaa Boor muraasatti roobni idileen roobaa tureera.
Torban dhufu keessa ammoo waqtiin Gannaa seenuun walqabatee kutaaleen biyyattii irra jireessi roobaa gadi aanaa hanga giddugaleessaa ni argatuun eegama jedheera.
Keessattuu naannawaa Kibba-Lixaa fi Lixni biyyattii rooba idilee fi gadi aanaa ni argatuun kan eegamu ta’uu ibseera.
Naannoo Amaaraa Godina Goojjam Lixaa, Godina Goondar Lixaa, Godinaa Awwii, Naannoo Oromiyaa Godinaa Jimmaa, Iluu Abbaa Boorii fi Godinaaleen Wallaggaa hundatti haalli qilleensaa gogaan akka jiraatu beeksiseera.
Dabalataan, Gaambeellaa, Godinaalee Beenishaangul Gumuz, Kibbaa-Lixaa fi Godinaalee Sidaamaa hunda, Oomoo Kibbaa fi Koonsoo dabalatee naannawaa muraasatti haala qilleensaa walfakkaataa qabaachuu akka danda’an himeera.
Harargee Bahaa, Arsii, Baalee fi Baalee Bahaa, akkasumas Godinaalee Gujii muraasatti ammoo rooba gadi aanaa hanga giddugaleessaa argachuu akka danda’an Inistiityuutichi himeera.
Naannawaa yaa’awwan Oomoo-Gibee, Abbaay, Baaroo-Akooboo, giddugaleessa Sulula Qiinxaamaa gara gadii fi giddugaleessa Takazee, gara olii fi giddugaleessa Gannaalee-Daawwaatti qilleensa jiidhaa olaanaa kan argatan yoo ta’u, naannawaa muraasatti garuu roobni olaanaan jiraachuu mala jedheera.
Keessumaa Baaroo-Akooboo, Abbaay gara gadii, akkasumas yaa’a Oomoo-Gibee irratti lolaan jiraachuu waan maluuf of eeggannoon taasifamuu akka qabu hubachiiseera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.