Fana: At a Speed of Life!

Torbee darbe midhaan nyaataa tooniin kumni 3 jiraattoota naannoo Tigraayiif raabsame – Sagantaa Nyaata Addunyaa

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Torbee darbe keessa konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an 165 naannoo Tigraay ga’uu fi midhaan nyaataa tooniin kumni 3 jiraattootaaf raabsamuu Sagantaan Nyaata Addunyaa  ifoomseera.
Dhiyeessii kanarraa lammiileen kumni dhibbi 1 fi kumni 20 fayyadamoo ta’uu sagantaan nyaata addunyaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaan ibseera.
Yeroo ammaa konkolaattoonni 94 deeggarsa namoomaa fe’an gara naannoo Tigraayitti imalaa jiraachuu eereera.
Naannoo Amaaraa fi Afaarittis deeggarsa namoomaa raabsuuf adeemsarra jiraachuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.