Fana: At a Speed of Life!

Torbee tokko keessaatti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 31 olitti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Adooleessa 5, 2013 (FBC) – Torbee tokko keessaatti  meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 31olitti tilmaamaman to’atamuu Ministeerri Galiiwwanni beeksise.

Torbe darbe Waxabajjii 26, hanga Adoolessaa 2, 2013tti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 31olitti tilmaamaman to’atamuu ibsameera.

Meeshaaleen kunneen biyyaa baafamuu fi galfamuu wayita yaalanitti kan to’ataman.

Meeshalee kanneen keessaayis maallaqni biyyoota garagaraa, warqee, uffataalee garagaraa, kophee, wantoota nyaataf oolaan, meeshalee waraanaa, elektirooniksii, dibataa, sigaaraa, meeshaalee jijjiirraa fi qorichoonni garagaraa keessatti argamuu.

Namoonni shakkamaan sadii to’annaa jala ooluu ragaan Ministeericharra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.