Fana: At a Speed of Life!

Torbeen harma hoosisuu Adooleessa 25 hanga Hagayyaa 1, 2013tti ni kabajama

Finfinnee, Adooleessa 22, 2013 (FBC)- Torbeen harma hoosisuu Adooleessa 25 hanga Hagayyaa 1, 2013tti sagantawwan garagaraa fi hubannoo uumuu akka kabajamuu ibsameera.

Ministeera Fayyaatti ogeettiin sirna nyaata Dooktar Balayinaash Yifaruu Faanaa Broodkaasting Korpooreettitti akka himaniitti, torbechi akka addunyaatti yeroo 30ffaaf akka Ityoophiyaatti ammoo yeroo 13ffaaf sagantawwan garagaraatin kabajama.

Haadhoolin daa’imman hanga baatiiwwan ja’aatti harma hoosisuu akka qabanii fi hanga waggaa lamaattis nyaata dabalataa waliin a hosiisuu qabu jedhaniiru.

Kunis dhibeewwan adda addaa ittisuu fi guddina fayyaa daa’immaniif murteessaa ta’uu himaniiru.

Sisaay Geetinnatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.