Fana: At a Speed of Life!

Torbeen kun torbee biyyoonni Lixaa haala qabatamaa Ityoophiyaa beekuuf fedhii agarsiisaniidha – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Bitootessa 21, 2013 (FBC) – Torbeen kun torbee biyyoonni Lixaa haala qabatamaa Ityoophiyaa beekuuf fedhii agarsiisaniii fi sochii taasiisaniin ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiiseera.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa  Ambaasaaddar Diinaa Muftiin Dippiloomaasii Siyaasaa, Diinagdee, haala waqtaawaa naannoo Tigraay, dhimma Hidha Haaromsaa fi lammiileerratti xiyyeeffate ilaalchisee ibsa torbee laataniiru.
Ibsa isaaniin itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Sudaanii fi Sudaan Kibbaatti ergamaa addaa Ameerikaa Ambaasaaddar Doonaald Buuz waliin marii bu’aa qabeessa taasiisuu isaanii himaniiru.
Guutinsa bishaan hidha haaromsaa irratti Ityoophiyaan Ameerikaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uu obbo Dammaqaan ibsuu isaanii Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Komishiniin Mirga namooma Ityoophiyaa sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraayitti ga’e jedhame qaama walabaa karaa hammateen Komishinii Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin hojii qulqulleessuu hojjechuuf walii galuu isaanii eeraniiru.
Torbeen kun torbee biyyoonni Lixaa haala qabatamaa Ityoophiyaa beekuuf edhii agarsiisaniii fi sochii taasiisaniin ta’uu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Waliigala haala qabatamaa fi dhugaa lafarra jiru hubachuuf torbee itti danda’an ta’uu ibsa isaaniin eeraniiru.
Addisuu Mulunehitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.