Fana: At a Speed of Life!

Tuuriizimiin Ityoophiyaa galii madaalamaa akka argamuuf hojjetama jira jedhe

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Tuuriizimiin Ityoophiyaa bakkeewwaan daawwaanaa biyyattiin qabdu waliin galii madaalamaa akka argamuuf hojjetama jirachuu ibsame.

Daayreekteerri olaanaan Tuuriizimii Ityoophiyaa obbo Silashii Girmaa turtii Faanaa Broodkastiing Koorporeet waliin taasisaaniin bakkeewwaan daawwannaa Ityoophiyaa qabdu waliin galii madaalamaa akka argamuuf hojjetamaa jiraachu himaniiru.

Haata’utii hanqina maallaqaa damicha mudateen walqbatee hojiin beeksisuu qormaata akka ture hubachiisaniiru.

Obbo Silashiin Ityoophiyaan akka biyyoota Afrikaa hedduutti daawwattoota ofitti harkisuu dhabuu akka hanqinaatti kaasaniiru.

Hojiin gabaa fi beeksisaa hojjetamuu dhabuu, rakkinni ijaarsa dhaabbata cimaa, damichaaf xiyyeeffannaa kennuu dhabuu, bu’uuraleen misoomaa guutamuu dhabuu fi sodaan nageenyaa sababa ta’uus kaasaniiru.

Keessumattuu, maallaqni damichaaf ramadame xiqqaa ta’uun hojii beeksisuurratti dhiibbaa uumuu himaniiru.

Biyyoonni Afrikaa hedduun damichaaf xiyyeeffannaa itti kennanii waan socho’aniif galii gaarii akka argatan kaasaniiru.

Yeroo ammma kana dhaabbatichi qaamolee dhimmisaa isaan ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu obbo Silashiin hubachiisaniiru jechuun Silaabbat Maanaayyeetu gabaase.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.