Fana: At a Speed of Life!

Ugaandaatti dubartiin umrii waggaa 70 lakkuu deesse

Finfinnee, Sadaasa 20, 2016 (FBC) –Ugaandaatti dubartiin umrii waggaa 70 daa’ima lakkuu da’uu ishee gabaafame.

Dubartiin ganna 70 tun tumsa IVFn lakkuu da’uu ishee eerameera.

Afrikaa keessatti dubartii umrii kanatti dhala godhatte jalqabaa ta’uu ishee himameera.

Hospitaalli Dubartoota Idil Addunyaafi Wiirtuun Hormaataa magaalaa Kampaalaa jiru, dubartiin kun dhiiraafi durba da’uu ishee eeruun BBCn miidiyaa biyyattii NTV jedhamu wabeeffachuun gabaaseera.

Dubartiin Aadde Saafiyaa Namukwayaa jedhamtu kun bara faranjootaa 2020tti daa’ima durbaa deessee turuu eerameera.

Waggaa 3 booda ammoo lakkuu deesseerti jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.