Fana: At a Speed of Life!

Ummanni aadaa walgargaarsaa cimsuun sagantaa nyaata barattootaa milkeessuuf gahee isaa akka bahatu gaafatame

Finfinnee, Fulbaana 11, 2016 (FBC)- Ummanni aadaa walgargaarsaa cimsuun barattootaaf manneen barnootaa keessatti nyaata dhiyeessuuf karoora qabame milkeessuuf gahee isaa akka bahatu Biiroon Barnootaa Oromiyaa gaafate.

Sadarkaa Itti Aanaa Hoogganaa Biirootti Gorsaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Efireem Tasammaa akka ibsanitti, inisheetiivota akka Biiroo Barnootaatti bocamanii fi hojiirra oolaa jiran keessaa inisheetiivii barattootaaf nyaata dhiyeessuu isa tokko.

Inisheetiiviin kun barattoota maatii harka qalleeyyii sababa nyaataatiin mana barnootarraa hafan gara barumsaatti akka deebi’anii fi nyaata madaalaawaan dhiyeessuun barumsa isaanii akka hordofan kan taasisudha jedhan.

Bara 2015 barattoota miliyoona 5.2 manneen barnootaa keessatti nyaata akka argatan taasisuun akka danda’ame yaadachiisan, barana ammo barattoota miiliyoona 7.5’f nyaataa dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Sagantaa nyaataa barattootaaf dhiyeessuuf karoorfame milkeessuufis Busaa Gonofaa fi Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa qindoominaan hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Sagantaan kun dhaloota ofitti amanamummaa qabuu fi dorgomaa ta’e horachuu fi jijjiiramaa biyyaaf faayidaa olaanaa akka qabu akeekuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ummannis aadaa walgargaarsaa qabu cimsuun karoora qabame milkeessuuf gahee isaa akka bahatus Obbo Efireem dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.