Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Amaaraa finxaaleyyii qolachuun nageenya isaa eeggachuu qaba – MNA

Finfinnee, Sadaasa 22, 2016 (FBC) – Ummanni Amaaraa finxaaleyyii qolachuun nageenya isaa eeggachuu akka qabu Mootummaan naannichaa waamicha dhiyeesse.

Mootummaa naannichaa dhimmoota haala waqtaawaa ilaalchisuun ibsa baaseera.

Qormaata nageenyaa yeroo ammaa akka ummataatti mudate keessaa ba’uun kaayyoo waloo ta’uu akka qabu ibseera.

Ummanni Amaaraa ummata nagaa barbaadu waan ta’eef finxaaleyyii qolachuun nageenya isaa eeggachuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.

Mootummaan gaaffii ummataa Amaaraa sadarkaa sadarkaan deebisuuf jijjiirama hoggansaarraa eegalee riifoormii keessa gaggeessuun miiraa yeroo hin qabuutiin hojjechaa jiraachuunis ibseera.

Qaamooleen Ololaan nageenyaa ummataa jeeqaa turan irra deddeebiin hojii isaaniirra akka of qusatan waamichi dhiyaatus ammas cimsanii itti fufaa jiraachuu himeera.

Gaaffiiwwaan ummataa dahoo godhachuun fedhii dhuunfaa fi ergama siyaasaa galmaan ga’achuu tattaafachaa jiraachuu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.