Fana: At a Speed of Life!

Ummanni gaaffii bu’uraa yoo qabaate karaa sirriin yaa dhiyeessu – MNO

Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) – Gareewwan hiriira mormii qindeessaa jiran ummatatti fayyadamuun fedhii aangoo isaanii guuttachuuf warra socho’an ta’uu mootummaan naannoo Oromiyaa beeksise.
 
Mootummaan naannoo Oromiyaa ummanni hiriirri mormii yaamamaa jiru vaayrasii Koroonaatiif kan isa saaxilu ta’uu hubachuun dursa fayyummaa isaatiif kennuun, gaaffisaa karaa sirri ta’een dhiyeessuu akka qabu hubachiseera.
 
Mootummaan naannoo Oromiyaa ittisa Vaayrasii Koroonaa fi hiriira mormii yaamamaa jiru ilaalchisee ibsa kenneera.
 
” Ummanni faallaa faayidaa biyyaa qaamoolee dhaabbatanirraa of eeguu qaba” jedhan Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa.
 
Obbo Addisuun, gareewwan hiriira mormii qindeessaa jiran ummatatti fayyadamuun fedhii aangoo isaanii guuttachuuf warra socho’aa jiran ta’uu ibsaniiru.
 
“Qaamoolee kanneen keessa tokko Gibtsiin kan deeggaramu yoo ta’u,Ityoophiyaan faayidaa hidha guddicharraa argatu akka dhabdu kan socho’uudha” jedhan.
 
Obbo Addisuun, garee 2ffaan garee kanaan dura ummata Ityoophiyaa gidirsaa fi saamaa ture wayyaaneedha jedhan.
 
Gareen kun faayidaa bare waan dhabeef mootummaa aangoorra jiru dadhabsisuuf karaa adda addaatiin socho’aa jiraachuu himaniiru.
 
Obbo Addisuun ibsa isaaniin, qaamni 3ffaan Paartilee siyaasaa karaa qaxxaamuraan aangoo barbaadaniidha” jedhan.
 
Ummanni hiriirri mormii waamamaa jiru qaamoolee sadaniin ta’uu beekee of eegannoo akka godhu hubachisaniiru.
 
Ummanni naannichaa gaaffii bu’uraa yoo qabaate karaa sirriin dhiyeeffachuu danda’a, dhimmoota kanaan ala jiran irratti mootummaan olaantummaa seeraa kabachisuuf “Humnas,dandeettis” qaba jedhan obbo Addisuun.
 
Gama biraan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojiileen garaagaraa hedduun hojjetamanis jijjiramni amalaa dhufuu hin dandeenye jedhan.
 
Keessattuu iddoo gabaatti, sirna gaa’eela raawwachuurratti, sirna booyichaa fi tajaajila geejjibaa irratti haalli jiru daraan yaaddeessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Mootummaan naannichaa qaamoolee labsii yeroo ariifachiisaa cabsan namoota kuma 3 fi 700 to’anoo jala oolchuun dubbataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.