Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Olola abdii kutannaa Garee ABUT irraa of qusachuu akka qabu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2015 (FBC) – Ummanni Olola abdii kutannaa Garee ABUT irraa of qusachuun Raayyaa Ittisaa cinaa akka dhaabbatu waamichi dhiyaateera.

Gareen Shororkeessaa ABUT haleellaa Raayyaa Ittisaa dura dhaabbachuu dadhabuun duula maqaa balleessuurratti bobba’uu Raayyaan Ittisaa beeksiseera.

Fiilmii sobaa oomishuun himannaa sobaa dhiyeessuu itti fufuu ibseera.

Yaaliin biyya diiguu jalaa fashaloofnaan garichi gara olola Sobaatti deebi’uu Raayyaan Ittisaa ifoomseera.

Garichi dubbii miseensonni Raayyaa Ittisaa kaayyoo garaagaraaf yeroo adda addaa taasiisan muruun duula maqaa balleessii itti fufuu eereera.

Raayyaan Ittisaa miseensa sababa hanqina hubannoon ergaa duudhaa dhaabbatichaan ala ta’e dabarsan addabbii namuusaa cimaan kan adabu ta’uu ibsameera.

Yaa ta’uutii ummanni Olola sobaa garichi oomishurraa of qusachuun tumsa Raayyaa Ittisaaf taasisu cimsee itti fufuu akka qabu Raayyaan Ittisaa waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.