Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Oromoo duudhaa uumama ittiin hubatu, uumamas sababaa fi sirnaan hubatee kan ittiin walii galu qaba – Pir. Shimallis

Finfinnee, Fulbaana 13, 2016 (FBC) –Ummanni Oromoo duudhaa uumama ittiin hubatu, uumamas sababaa fi sirnaan hubatee kan ittiin walii galu qaba jedhan Pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisan.

Ummanni Oromoo duudhaa uumama ittiin hubatu, uumamas sababaa fi sirnaan hubatee kan ittiin walii galuun waggootaaf gabbifatee ittiin jiraatu ummata qabu yoo ta’uu, duudhaan kun duudhaa ilma namaarra darbee lubbu qabeeyyii bineeldootaafi biqiloota waliiniis itti jiraatu duudhaa sirna Gadaatiin gabbifateefi kabajee ittiin bulaa tureedha.

Duudhaa Kanaan uumama mara kabajaafi jaalalaan jiraachuu isaatiin Bosonniifi bineensoonni bosonaas eegamanii jiraachuu danda’aniru.

Bineeldota manaa itti fayyadamuu qofa osoo hin taane bineensa bosonaas kunuunsuu fi eeguun hawaasa dirqama kootii jedhee amanuu waan ta’eef, bishaan loon isaa obaase bineensaafis kan kaa’uudha. Dhugaa Bilchinaa fi beekumsa kana nuuf mirkaneessan keessaa tokko Fardeen Qunduuddooti. Dhugaan kun Godina Harargee Lixaa Aanaa Gursumitti Gaara Fiixee samiitti waan hodhamee fakkaatuu gubbaatti kan argamu yoo ta’uu, bitaafi mirgaan immoo naannoon isaa harka hawaasa harargee ciminaan hojjetuu sanaan kan faayamee fakkaata.

Gaara kanarra, bilisummaan kan dheedan, kan himimsaniifi taphatan Fardeen dhedheeroofi rifeensa isaaniiitiin adda ta’an kun Iccitii maaliin waggoota dheeraaf turaniifi horan jennee yoo gaafanne deebiin isaa duudhaa fi beekumsa ummanni keenya kabaja uumamaaf qabu kan nutti agarsiisuudha. Lafa Gaaraa, garuu immoo imalaa lafootiif mijataa ta’e fiijaa qalbiif hawwataa ta’e kana daaw’achuun duudhaa fi naamusa hawaasa keenya irraa haa barannu! jechuun ergaa dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.