Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Tigraay olola sobaa garee ABUTtiin caalmaatti akka hin miidhamne of eeguu akka qabu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Ummanni Tigraay olola sobaa garee ABUTtiin caalmaatti akka hin miidhamne of eeggachuu akka qabu Paartiin Diimookiraatawaa Tigraay hubachiise.
Mootummaan gaaffii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay fudhachuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu taasiisuun isaa kan jajjabeeffamu ta’uu itti gaafatamaan Hariiroo Ummataa Paartichaa Muluubirihaan Hayileen ibsaniiru.
Gareen Shororkeessaa ABUT wayita aangorraa turetti ummata Tigraay rakkoo hammaataaf saaxiluu isaa kaasaniiru.
Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannichatti gaggeeffame hordofee rakkoon namoomaa muudachuu ibsaniiru.
Bulchiinsi yeroo naannichaa ummanni naannichaa beelaa fi rakkoo biroof akka hin saaxilamne Ityoophiyaanoota hundi qindeessuun deeggarsa taasiisaa turuu dubbataniiru.
Garichi olola garaagaraa tamsaasuun ummanni naannichaa dhugaa jiru akka hin hubanne hojjechaa turuu obbo Muluubirihaan himaniiru.
Ammas ummanni naannoo Tigraay olola garee Shororkeessaa kanaan caalmaatti wareegama hin malle akka hin kaffalle haala jiru sirnaan hubachuu akka qaban dubbataniiru.
Maddi:- TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.