Fana: At a Speed of Life!

Ummannii fi Raayyaan yoo waliin hojjetan gareen farra nageenyaa umrii shororkaa uumaa jiraatuuf hinqabu-L/J Zawuduu Balaay

Finfinnee, Guraandhala 24, 2016 (FBC)- Ummannii fi Raayyaan Ittisaa yoo waliin hojjetan gareen farra nageenyaa shororkaa uumaa turu hinjiraatu jedhan Ajaajaan Ajaja Giddugaleessaa Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaay.

Hoggantoonni olaanoo ajajichaa kutaalee hawaasaa Aanaalee Godina Wallaggaa Bahaarraa baba’an waliin koonfiraansii nageenyaa gaggeessaniiru.

Ajaajaan Ajaja Giddugaleessaa Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaay waltajjicharratti akka jedhanitti rakkoolee mudatan mariin furuuf ummannii fi raayyaan ittisaa waliin hojjechuu qabu.

Kun taanan farreen nageenyaa shororkaa uumaa umrii jiraatan hinqabaatan jechuun hubachiisaniiru.

Dabalataan, loltoonni humnoota garaagarumaa ilaalchaa qaban kaayyoo mormuu akka hinqabne dubbataniiru.

Kanaaf, garaagarummaan jiru karaa nagaan akka furamu kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Bulchaan Godina Wallaggaa Bahaa Obbo Waggaarii Nagaraa gama isaaniin, shororkaa gareen shanee godinichatti raawwatuun boora’uu nageenyaaf saaxilamee turuu eeruun, yeroo ammaa tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa fudhachaa jiruun nageenyi fooyya’aan argamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasnis Raayyaa Ittisa Biyyaaf odeeffannoo kennuu fi diinaa saaxiluun itti gaafatamaa gama isaa akka bahatuuf waamicha dhiyeessuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.