Fana: At a Speed of Life!

‘Urjiin Lixaa’ tapha nuusa xumuraa Shaampiyoonaa Kilaboota Naannolee Ityoophiyaaf darbe

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2015 (FBC)- Tapha Shaampiyoonaa kilaboota naannolee Ityoophiyaa Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jiruun, Kilabni Magaalaa Dambii Doolloo maqaa masoo ‘Urjii Lixaan’ beekamu tapha nuusa xumuraaf darbuu mirkaneeffateera.

Guyyaa har’aa sa’aatii 7:00 irraa eegalee Kilabni Magaalaa Dambii Doolloo fi Magaalaa Gimbi tapha mo’atanii darbuu taphataniiru.

Haaluma kanan, Magaalaan Dambii Doolloo goolii 1 fi 0’dhaan Kilaba Magaalaa Gimbii injifachuun Kilaba Oromiyaa jalqabaa Nuusa xumuraaf darbe ta’uu ragaan federeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Tapha Shaampiyoonaa Kilaboota Naannolee Ityoophiyaarratti kilaboonni Naannoo Oromiyaa shan tapha mo’atanii darbuuf qaqqabuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.