Fana: At a Speed of Life!

USAID Itiyoophiyaaf deggarsa Doolaara miiliyoona 60 taasise

Finfinnee, Ebla 7, 2016 (FBC)-Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa (USAID) deeggarsa Doolaara miiliyoona 60 Itiyoophiyaaf taasise.

Deeggarsi kunis sagantaa dandamannaa “Feed the future Ethiopia Higland” jedhamu kan dhaabbatichaan gaggeeffamuun hojiirraa oola jedhameera.

Deeggarsichis sagantaa seeftiineetiin jiraattota kuma 120 ta’aniif walitti hidhamiinsaa gabaa fi faayinsii uumun jireenyaa isaanii akka fooyyeffatan kan taasisu ta’uun ibsameera.

Sagantaan kunis waggoottan shanan dhufan Naannolee Oromiyaa, Amaaraa,Tigraayii, Kibbaa fi Giddugaleessa Itiyoophiyaatti kan hojiirra oolu ta’uu ragaan Embaasii Ameerikaarra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.