Fana: At a Speed of Life!

Uummanni Oromoo fi Sidaamaa obboleeyyaanii fi hidda tokko-Preezdaant Shimallis

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan naannoo Sidaamaatti argamuun sagantaa Ashaaraa Magariisaa eegalchiiseera.

Sirnicharratti haasaa taasisaniin, Uummanni Oromoo fi Sidaamaa obbooleeyyaan, hidda tokkoos jedhaniiru.

Ollummaa qofa osoo hin taanees, aadaa fi duudha danuu waliin qooddatus jedhan.

Aanaaleen ollaa naannoo Oromiyaa ollummaa naannoo Sidaamaa waliin qooddatan waliin misoomsuu fi magariisa taasisuuf waliin hojjechuu qabduu jechuun dhaamaniiru.

Preezdaantichi mirgi guddaan diinagdee gonfanne kunuunfannee biyya badhaate uummachuu cimnee hojjechuu qabnas jedhan.

Preezdaant Shimallis duula Ashaaraa Magariisaatin biqiltuun dhaabbiif qophaa’e ganda Dilaan Guubeetti biqiltuu dhaabaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.