Fana: At a Speed of Life!

Uwwisa fayyaa haadholii, Daa’immanii fi Guddattootaarratti bu’aa jajjabeessan argame – Dooktar Maqdas Dhaabaa

Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) – Uwwisa fayyaa haadholii, Daa’immanii fi Guddattootaarratti bu’aa jajjabeessan argamuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan ibsaniiru.
Kalaqawwan hojiirra oolchuun tajaajila fayyaa haadholii, Daa’immanii fi Guddattootaa fooyya’aaf mata duree jedhuun gamaaggamni raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii Ministeera Fayyaa Magaalaa Aarbaa Mincitti gaggeeffamaa jira.
Du’aatii haadholii, daa’immaanii fi Guddattootaa hir’isuuf hojii hojjetameen bu’aa jajjabeessan argamuu waltajichaan ibsameera.
Milkaa’ina argameef gaheen naannolee, dhaabbilee deeggartootaa fi qooda fudhattootaa olaanaa kan ture ta’uu eerameera.
Hanga bara 2030tti du’aatii haadholii kuma 100 keessaa gara 140tti gadi buusuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himameera.
Maatuusaalaa Maatewoosii fi Mallasee Taaddalaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.