Fana: At a Speed of Life!

Vaayirasii koroonaa ittisuuf tumsi tola ooltotaa cimee itti fufeera

Finfinnee, Bitootessa 19, 2012 (FBC) –Tola ooltoonni tumsa taasisan koree biyyaaleessaa maallaqaa fi dhiyeessiwwan walitti qabuuf hundaa’ee fi bulchiinsa magaalaa Finfinneef arjoomuu itti fufaniiruu jedhame.
 
Haaluma kanaan abbaan qabeenyaa obbo Dinquu Dayyaas magaalaa Finfinneetti Gamoo Hospitaalaaf qophaa’e abbbaa darbii 6 tajaajila yaala ittisa koroonaa vaayrasiif akka oolu kan eeyyaman yoo ta’u, abbaan qabeenyaa obbo Geetuu Niguusees Hooteelli isaanii abbaa darbii 3 tajaajila kanaaf akka oolu eeyyamaniiru jedhame.
 
Baankiin Awaash Birrii miiloyiina 10, Baankiin Intarnaashinaalii Addis Birraa miiliyoona 2 koree biyyaaleessaa maallaqaa fi dhiyeessiwwan walitti qabuuf hundaa’eef gumaachuu isaanii ibsameera.
 
Baankiin Innaat Birrii miiliyoona 2, Dhaabbanni oomisha bishaan ‘One’ ammoo Birrii miiliyoona 1 gumaachuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaa FDRI irraa argame ni muul’isa.
 
Gama biroon abbaan qabeenyaa dhaabbata ‘N3H’ itti gaafatamuummaan isaa murtaa’ee Saanitaayzarii qaruuraa kuma 1 fi 500 koree kanaaf arjoomeera jedhame.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.