Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaa ittisuuf sirreeffamtoonni 4011 dhiifamaanni godhame

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Vaayrasii koroonaa ittisuuf sirreeffamtoonni 4011 dhiifamaan kan gadhiifaman ta’uu Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa beeksise.

Haati Alangee Waliigalaa Federaalaa aadde Adaanach Abeeneen ibsa laataniin akka beeksisanitti, sirreeffamtoonni kanneen akka gadhiifaman boordiin dhiifamaa preezdaantii riippabliikichaatif dhiyeessuun raggaasiseera.

Sirreeffamtoonni gadhiifamanis yakka salphaatin amma waggaa 3 itti murtaa’ee mana sirreessaa keessa kan jiran, yeroon dhiifamaa waggaan tokko kan isaan hafu, yakka ajjeechaarratti kan hin hirmaanne, haadholii hoosisan, haadholii ulfaa fi lammiilee biyyoota alaa kan dabalatudha.

Lammiileen biyyoota alaa gadhiifamanis gara biyyoota isaaniitti ni ergamu.

Haadholii hoosisanii fi mana sirreessaa jiran 7, dubartoota malaammaltummaadhan tumsuun shakkamanii fi rakkoo jirurraa kan ka’e himanni isaanii akka adda citu taasifamuusaa eeraniiru.

Yeroo amala sirreessaatii ba’an qorannaan vaayrasichaa ni taasifamaaf; yoo shakkamanis tursa ni galfamu.

Dhimmi galmee isaaniis poolisii naannoof laatamee yakkatti yoo deebi’an dhiifamni isaanii haqamuun seeraf ni dhiyaatu jedhan.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.