Fana: At a Speed of Life!

Waaliyaawwan har’a gita isaanii Seeraaliyoon waliin ni taphatu

Finfinnee, Sadaasa 5, 2016 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Dhiirootaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa tapha gulaallii waancaa Addunyaa marsaa jalqabaa gita isaa Seeraaliyoon waliin har’a ni taphata.

Moorookoo magaalaa Al Jaadiidaa Istaadiyeemii Al Abdiitti galgala har’aa sa’aatii 4:00 eegaluun tapha jalqabaa gulaallii waancaa Addunyaa kan gaggeessu ta’uu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa ibseera.

Itiyoophiyaan Istaadiyeemii Istaandaardii idil addunyaa guutuu dhabuu isheen Waaliyaawwan tapha gulaallii kana Moorookootti taphachuuf dirqamuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.