Fana: At a Speed of Life!

Waaliyaawwan tapha gulaallii ramaddii 5ffaa har’a Maalaawwii waliin taphata

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2015 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Afrikaa ramaddii 5ffaa har’a Maalaawwii waliin ni taphata.

Waaliyaawwan har’a sa’aatii 11:00 irraa eegaluun gita isaanii Maalaawwiii waliin Moozaambik Istaadiyeemii Ziimpeetootti kan taphatu ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha waancaa Afrikaa 34ffaa bara 2024 qopheessummaa Kootidivaayeeriin gaggeeffamuuf darbuuf falmii cimaa taasiisaan eegama.

Waaliyaawwan taphoota hanga ammaatti taphataniin qabxii 3 qofa waliitti qabachuun ramaddicharraa sadarkaa 4ffaarratti argamu.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.