Fana: At a Speed of Life!

Waan yaadne raawwachuu akka dandeenyu hojiin agarsiisne- Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Hagayya 5, 2014 (FBC) – Waan yaadne raawwachuu akka dandeenyu hojiin agarsiisne jedhe Paartiin Badhaadhinaa.

Paartichi Tarbaayinni 2ffaan Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa anniisaa maddisiisuu eegaluu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Badhaadhina biyyattiif mul’ata waloo galaafachuun waloon eegalle, bu’aa ba’ii hundaan wal’aansoo qabuun waan yaadne milkeessuurraa eenyullee duubatti nu deebisuu akka hin dandeenye gochaan agarsiisne jedheera.

Ityoophiyaanonni kaayyoo waloof tokkummaan yoo dhaabbatan qormaata kamiiniyyuu injifannoon ce’uu akka danada’an hidhi guddichi haaromsaa ragaa ta’uu eerameera.

Ityoophiyaanonni hundi piroojektichi milkaa’ina har’aarra akka gahuuf maallaqa, beekumsa, humnaafi yaadaan deeggaruu ibseera.

Hidhichi qabeenya waloo Ityoophiyaanotaa qofa osoo hin taane, ibsituu birmadummaafi kabaja biyyattii ta’uu eereera.

Milkaa’inniifi injifannoon har’aa humna elektirikaa qofaa osoo hin taane, humna tokkummaa biyyattii kan guddisu ta’uu ibseera.

Hidhicha yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tokkummaa sabdaneessummaan daandii milkaa’inaarra akka imallu injifannoo har’aan mirkaneessineerra jedheera.

Qormaatilee waloon injifachaa, badhaadhina biyyattii ni dhugoomsina jedheera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.