Fana: At a Speed of Life!

Waggoota 70 oliif namichi maashiniin harganaa ture waggaa 78’tti boqote

Finfinnee, Bitootessa 5, 2016 (FBC) – Namichi Addunyaa kanarraa waggootaa 70 oliif mashiniidhaan hafuura fudhachaa fi baafachaa ture Pool Aleksaandar umrii waggaa 78ffaa isaatti du’aan boqochuun gabaafame.

Pool Aleksaandar daa’imummaan Pooliyoon qabamuun mormaa gadi qaamnisaa guutuun laamsha’ee turuun eerameera.

Sababa dhukkuba isaa mudateen harganuu waan hindandeenyeef bara 1952 keessa ogeeyyiin fayyaa baqaqsanii wal’aanuun lubbuu isaa oolchuu danda’aniiru.

Haatahu malee wal’aansa kanaan boodas dhukkubi Pooliyoon isa mudate of danda’ee hafuura akka hin baafanne dhorkuu kan eerame,meeshaa namtolcha akka somabaatti gargaaruun “Iron Lung” akka siliindaraatti tolfameef keessa galfame.

Meeshaan kunis siliindara keessaa qilleensa jiru hunda afuufee baasuun, sombi nama kanaa akka bal’atu ykn akka banamu gochuun, hafuura akka galchu kan taasisuudha.

Pool jireenyasaa guutuu meeshaa kana keessaatti yoo dabarsellee, achuma keeessa taa’ee seera baratee digirii qabate, ogummaa seeraan hojjetaa turuu seenaan isaa ni argisiisa.

Nami kun Bitootessa 2023 keessa addunyaarra yeroo dheeraaf nama ‘somba sibiilaa’ keessa jiraate jedhamuun, Galmee Dinqisiisoo Addunyaarratti galmaa’uu BBC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.