Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan sadan dhufan giddugaloonni tursiisa daa’immanii kumni 1 ni ijaaramu-Aadde Adaanech

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Kutaa Magaalaa Lidataatti Giddugala Tursiisa Daa’immanii eebbisiisaniiru.

Sirna eebbichaarrattis, Aadde Adaanech haasawa taasisaniin daa’immaan yeroo ulfaarraa eegalee kunuunsa barbaachisaa argachuun qaamaa fi sammuun akka dagagganii akka guddatan bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannaa addaan akka hojjetu himaniiru.

Dhiibbaa haadholii irra jiru salphisuufis giddugala tursiisa daa’immanii fi Kilinika daa’immani ijaarsisuu ibsaniiru.

Waggoottan sadan dhufanittis giddugaloonni tursiisa daa’immanii kumni 1 akka ijaaramanis himaniiru.

Guddisa Daimmanii irrattis manaa manattii socho’uun hojii hubannoo uumuu ogeeyyi hojjetan 1 kuma 1 fi 400 eebbisiisuu ibsuu ragaan Waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.