Fana: At a Speed of Life!

Walaayittaa Sooddootti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 2 yoo darbu, namoonni 23 miidhaman

Finfinnee, Guraandhala 2, 2016 (FBC) – Magaalaa Walaayittaa Sooddootti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 2 yoo darbu, namoota 23 irraa miidhaan qaamaa cimaan qaqqqabuu ibsame.

Har’a ganama sa’aati 2:30 irratti Konkolaataan walharkisu Konkolaataa Deddeebisa ummataa, Piikaappii, Baajaajii fi Doqdoqqee waliin walitti bu’uun balaa kana qaqqabsiisuu ibsameera.

Balaan kanaan lubbuun namoota 2 battalumatti yoo darbu, namoota 23 irra miidhaan qaamaa cimaa ta’e qaqqabu Ajajaan Poolisii magaalaa Walaayittaa Inispeektarri Olaanaan Tasfaayee Masgaanaw Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Maastawaal Asaffaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.