Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Aksiyoonaa Liqii fi Qusannaa Addis gara Baankiitti guddate

Finfinnee, Hagayya 13, 2015 (FBC)- Waldaan Aksiyoonaa Liqii fi Qusannaa Addis moggaasaa “Waldaa Aksiyoonaa Baankii Sikkeet” jedhuun gara Baankiitti guddachuu beeksise.

Dhaabbatichi abbootii aksiyoonaa 26 fi Kaappitaalaa mallatteeffamee Birri biiliyoona 10’n ce’umsa gara gara baankiitti guddachuu eegaleera.

Sagantaa gara baankiitti guddachuu fi sirna eebbaa Asxaa Baankichaarratti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaa Maammoo Mihiratuu dabalatee qondaaltonni bulchiinsa Magaalaa Finfinnee biroon argamaniiru.

Dhaabbatichi gara baankiitti guddachuun lakkoofsa Baankii Ityoophiyaa 32’tti kan guddisu ta’u Bulchaan Baankii Biyyaalessaaa Ityoophiyaa Maammoo Mihiratuun ibsaniiru.

Baankonni guddina hunda galeessaa mirkaneessuuf gahee irraa eegamu akka bahataniif, lakkoofsa caalaa waliingahiinsaa bal’isuu, dandeettii faayinaansii cimaa ijaaruu fi tajaajila teeknooloojiin deeggarame kennuu akka qaban hubachiisaniiru.

Waldaan Aksiyoonaa ‘Baankii Sikkeet’ muuxannoo ofii horatee fi kan baankota biroon idaa’achuun damichaa fi guddina biyyaalessaaf gahee isaa akka bahatu amantaa qaban ibsaniiru.

Baankonni biyya alaa gara hojiitti wayiita seenaan dorgomaa ta’ee akka itti fufuuf qophii barbaachisaa taasisuu akka qabu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.