Fana: At a Speed of Life!

Waldaan daawwachiftoota Oromiyaa hundaa’e

Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) – Waldaan daawwachiftoota Tuurizimii Oromiyaa hundaa’uu ibsame.

Sagantichi magaalaa Bishooftuu Hoteela Yaatuu Internashinalitti kan qopha’ee yoo ta ‘uu, Hogganaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deesisaa dabalatee Daayreektarri olaanaan Ityoo -Tuuriziimii obbo Silaashii Girmaa fi miseensonni daawwachiftota Oromiyaa argamaniiru.

Kaayyoo hundeeffama waldichaa dawwachiftoonni kana duraa gurmaa ‘uun hojii daawwachiftoota irratti bobba’an bakka tokkotti fiduuf ta’uu Hogganna Biiroo Aadaa fi Tuurizimii oromiyaa obboo Kabbadaa Deesisaa himaniru

Waldaan dawwachiftoota Oromiyaa Ambasaadaar naannoo Oromiyaati jedhan obboo Kabbadaan.

Bara darbe gamaa Tuurizimii hojii dhabeeyyii miiliyoonaa tokkof carran uumamuu Daayreektarri olaanaan Ityoo -Tuuriziimii obbo Silaashii Girmaa ibsaniiru.

Yeroo itti aanu Godina jimmaa, Bahaa Oromiyaa, magaalaa Adaama, Bishooftu fi kanneen biroo hawwata Tuuriizimiif olchuuf ni hojjetama jedhan.

Miseensonni waldaa dawwachiftoota Oromiyaas, hundeeffamuun waldaa daawwachiftoota Oromiyaa hojichaaf xiyyeffannoon kennamuu agarsiisa jedhan.

Gammachuu Beekumatu gabaasee.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.