Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Dubartootaa Oromiyaa waldaaleefi ijaarama dubartootaa cimsuun jijjiirama bu’uuraa fiduuf hojjechuu qaba – Obbo Abdulhakiim Muluu

Finfinnee, Eebla 30, 2015 (FBC) – Ijaarama dubartootaa cimaa uumuudhaan biyya badhaadhina hundagaleessa milkeessite ijaaruuf ni hojjetama jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Abdulhakiim Muluun

Yaa’iin Idilee 5ffaa Dubartootaa Naannoo Oromiyaa gaggeeffamaa jira.

Waldaan Dubartootaa Naannoo Oromiyaa hojii cimaa hojjetaniin jijjiirama gama hawaas diinagdee fidaa jiraniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata guddaa kan qabu ta’uu ta’uu Obbo Abdulhakiim Muluun yaa’icharratti argamuun haasawa taasiisaniin ibsaniiru.

Badhaadhina Maatii mirkaneessuun galma qabame milkeessuuf gaheen dubartootaa olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Waldaan Dubartootaa Oromiyaa waldaaleefi ijaarama dubartootaa cimsuun jijjiirama bu’uuraa fiduuf hojjechuu akka qabus dhaamaniiru.

Waldaan dubartoota Oromiyaa gaaffiiwwan gama hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaan dubartoonni qaban hiikuuf qaamolee garaa garaa waliin hojjechaa jiraachuu Dura Teessuun Waldaa Dubartootaa Oromiyaa Aadde Shittaayee Dassaaleny eeraniiru.

Waldichis miseensoota miiliyoona 2.6 kan qabu yoo ta’u yaa’ii gaggeessaa jiruun murtoowwan gurguddoo fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessan irratti mari’achuun ni mirkaneessa jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.