Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Interpiruunaraa Shaggar Yaa’ii 4ffaa gaggeesse

Finfinnee, Ebla 12, 2016 (FBC)- Waldaan Interpiruunaraa Shaggar Yaa’ii 4ffaa bakka Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan argamanitti gaggeesseera.

Yaa’ichaan gabaasni raawwii hojii waldichaa kan bara darbee dhiyaatee irratti mari’atameera.

Waldichi bara hojichaatti hojii uumtoota Kuma 50 fi 200 oliif leenjii kennuun ibsameera.

Intarpiriinaroota 400 ta’an hojii keessa galchuunis eerameera.

Hoji uumtoonni waldichaan leenji’uun hojii uummatanis qabeenyaa Birrii biiliyoona 34 ol horachuu akka danda’anis ibsameera.

Yaadrimeen intarpirinar shiippii akka babal’atuuf dhaabbilee garaagaraa waliin qindoominaan hojjachaa jiraachuun eeramuu OBN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.