Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Misooma Oromiyaa salphaatti sadarkaa amma jirurra hin geenye – Obbo Abbaaduulaa Gammadaa

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Waldaan Misooma Oromiyaa salphaatti sadarkaa amma jirurra hingeenye jedhan Walitti qabaan Boordii waldichaa obbo Abbaaduulaa Gammadaan.
Walitti qabaan Boordii Waldaa Misooma Oromiyaa obbo Abbaaduulaa Gammadaa sirna badhaasaa barattoota qaxalee mana barumsaa bultii addaa waldaa misooma Oromiyaaf taasifameerratti haasawaa taasisaniin waldaan misooma Oromiyaa hundeeffama isaarraa qorumsa hedduu keessa darbuun har’a foolii Oromummaa qabaachuun na gammachiiseera jedhan.
Waldaa Misooma Oromiyaa hundeessuuf qaamolee garaagaraa dabalatee aarsaa hedduu kaffaluu kan dubbatan obbo Abbaaduulaa Gammadaan, waldichi bifa garaagaraan hawaasa bira dhaabbachuu cinaatti mana barumsa bultii addaa hundeessuun hojii sammuu misoomsuutti bobba’uun dhaloota qaraa jiraachuun ashaaraa addaa waldichaati jedhan.
Hawaasni hundi iddoo jiruutti aantummaa isaa osoo hin dagatin wal tumsiinaan milkaa’inni fagoo hin jiru jechuun himaniiru.
Hunduu kaka’umsaan hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.