Fana: At a Speed of Life!

Waldhabdee Kaabaa furuuf yaadni ragga’e murannoo mootummaa kan mirkaneessudha- Billanee Siyyuum

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC)- Waldhabdee Kaaba biyyattii furuuf yaadni murtoo ragga’e murannoo mootummaan filannoo nageenyaaf qaba kan mirkaneessu ta’uu Itti gaafatamtuun Seekreetaariyaat Pireesii Waajjira Muummee Ministiraa Billanee Siyyum ibsan.

Billanee Siyyuum haala yeroo biyyattiirratti miidiyaalee idil addunyaaf ibsa laataniiru.

Nageenyaafi tasgabbii, tattaaffiiwwan waldhabdee kaaba biyyattii furuuf taasifamaa jiran, deeggarsa namoomaafi ashaaraa magariisaarratti ibsa taasisaniiru.

Waldhabdee kaaba biyyattii ilaalchisuun, torbanoota dhufan irraa eegalee waliigalteen dhukaasa dhaaburra akka gahamu, mariin nageenyaafi dhimmoonni rarra’anii hafan biroon ammoo marii biyyaalessaan akka uwwifaman taasisuuf sanadni wixinee nageenyaa ifoomuu kaasaniiru.

Sanadni Koree filannoo nagaan qophaa’e kun mootummaan waldhabdicha karaa nagaan furuuf tattaaffii olaanaa taasiisaa jiraachuu mul’isa jedhan.

Mariin nageenyaa haalduraa kamiiyyuu hin barbaachisu kan jedhan Billaneen,Ummaanni Tigraay hidhamtoota ABUT ta’anii itti fufuu hin qaban jedhan.

ABUT fedhii isaa guutuuf humna fayyadamaa jiraachuu eeruun, meeshaalee waraanaa garaagaraa fayyadamuun miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Garichi shira raawwataa jiraatus mootummaan nageenyaaf dursa laachuun obsaan ilaalaa turuu dubbataniiru.

ABUT olola sobaa fayyadamuun hawaasa idil addunyaa burjaajeessaa jiraachuu kaasaniiru.

Ta’us mootummaan naannichatti burjaajiin jiraachuu akka hin qabnee fi naannicha deebisee ijaaruuf deeggarsa bu’uuraarratti hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Mootummaan ogeeyyii erguunis ta’e humna namaa achi jiru fayyadamuun tajaajila bu’uuraa uummataa deebisuuf fedhii qabaachuu, kanaaf ammoo halonni tokko tokko fooyya’uu akka qaban mootummaan kan barbaadu ta’uu eeraniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa hoggansa Gamtaa Afrikaan bakkaafi yeroo kamittuu marii nageenyaa taasisuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Dhimma imaltoota naannoo Amaaraa gara magaalaa Finfinnee taasisan irratti to’annoo godhamu ilaalchisee, dhimmichi ABUT wayita naannoo Amaaraa bakkeewwan tokko tokko weeraraan qabatee turetti waraqaa eenyummaa sobaa maxxansiisuun gochaa badiif oolchaa waan jiruuf gochicha qolachuufi hordofuun to’achuuf tarkaanfii fudhatameen kan uumame ta’uu addeessaniiru.

Yeroo ammaa tajaajilli geejjibaa haala kanaan duraatti deebi’uu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.