Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin komishinii Waloo Ministiroota Ityoo-Raashiyaa 8ffaan boru gaggeeffama

Finfinnee, Sadaasa 26, 2015 (FBC) – Walga’iin komishinii waloo Ministirootaa Ityoo-Raashiyaa 8ffaan boru magaalaa finfinneetti sadaasa 27-28,2015 gaggeeffama jedhame.

Walga’iin kun haala hariiroo waloo damee diinagdee, saayinsii ,Teeknooloojii, barnootaa fi daldaalaan biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf danda’amurratti ni mari’ata jedhameera.

Walga’ii boruu eegalurratti hirmaachuuf jilli Raashiyaa Finfinnee galuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Jillichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’uu hoggantoota olaanoon simatamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.