Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Koree dhaabbii Ergamtoota Addaa Gamtaa Afrikaa 43ffaan eegale

Finfinnee, Amajjii 12, 2014 (FBC) – Walga’iin Koree dhaabbii Ergamtoota Addaa Gamtaa Afrikaa 43ffaan har’a eegalameera.
Walga’ichi mata duree ‘sirna nyaataa Ardii Afrikaa ijaaruu, Misooma Humna Namaa, Diinagdee fi Hawaasummaa saffisiiuu’ Gamtaan Afrikaa bara 2022 qopheesseen gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Walga’ii Intarneetiin gaggeeffamaa jiru kanarratti Komishinara Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahaammatii fi Ambaasaaddaroonni biyyoota miseensa Gamtichaa hirmaachaa jiraachuu himameera.
Walga’iin guyyoota lamaaf turu kun Walga’ii Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa 40ffaa Amajjii 25-26, 2014 gaggeeffamuu fi Yaa’ii Hoggantoota Gamtichaa 35ffaa Amajjii 28- 29, 2014 gaggeeffamuuf ajandaawwan dhiyaatanirratti ni mari’ataan eegama.
Dabalataan Korichi gabaasa raawwii dhaabbilee garaagaraa gamticha jala jiranii fi gabaasa walga’ii Gamataa Afrikaa bara Faranjootaa 2021 gaggeeffame ni dhaggeeffata jedhameera.
Walga’iin Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa 40ffaa fi Yaa’iin Hoggantoota Gamtichaa 35ffaa magaalaa Finfinneetti akka gaggeeffamu murtaa’uun kan yaadatamuudha.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.