Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee nageenya taasiifame hordofee lammiileen gammachuu guddaa keessa jiru – Raayyaa Ittisaa

Finfinnee, Sadaasa 6, 2015 (FBC) – Raayyaan Ittisaa biyyaa waligaltee Nageenyaa Mootuummaa fi ABUT gidduutti taasifame ilaalchisee bakka buutoota Raayyaa Ittisaa biyyoota garagaraaraaf ibsa taasiiseera.

Raayyaa Ittisa biyyaatti Ajajaan hariiroo Alaa Meejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuu, bakka buutoota Raayyaa Ittisaa biyyoota garagaraa magaalaa Finfinneetti argamaniif haala waliigaltichaa ilaalchisee ibsa laataniiru.

Waliigaltee nageenya Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifame hordofee, lammiileen gammachuu guddaa keessa jiraachuu eeraniiru.

Rakkkoon nageenyaa Kaaba biyyattiitti muudate karaa nagaan furamuu eeruun, waliigaltee kanaanis raayyaan ittisa biyya hojii birmadummaa fi nageenya biyyaa kabachiisuu heeraan itti kenname haalan bahachaa jiraachuu himaniiru.

Waliigalteen kun boqonnaa haaraa Ityoophiyaaf banuu eeruun, nageenya waaraa fi guddina biyyaa dhugoomsuuf murteessaa ta’uu dubataniiru.

Nageenyi bu’uura hundaa waan ta’eef, Ityoophiyaan biyyoota hunda waliin qindoominan kan hojjettu ta’uu beeksisaniiru.

Biyyoonnis hariiroo Ityoophiyaa waliin qaban daraan akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru.

Misikkir Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.