Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen dargaggoota miiliyoona 20’f leenjii kennuuf kaayyeffate mallatteeffame

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)- Waggoottan saddeettan dhufan dargaggoota miiliyoona 20’f leenjii kennuuf waliigalteen kaayyeeffate mallatteeffameera.

Waliigaltichis “Dhalootaa jijjiiramaa” kan jedhamu, Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa fi Waldaa Aksiyoonaa “Break Through Trading” jedhamu gidduutti mallatteeffameera.

Sirna waliigaltichaarratti Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayeen akka ibsanitti, biyyatti gara badhadhinaatti ceesisuuf tattaaffii taasifamu keessatti ilaalcha dargaggootaa qajeelchuun dhaloota jijjiiramaa uumuun barbaachisaadha.

Misooma ilaalchaa fi jijjiirama hubannoo uumuuf leenjiin kennamuun, imalaa jijjiiramaa biyyattiin eegalteef murteessaadha jedhan.

Walitti Qabaan Boordii Waldaa Aksiyoonaa “Break Through Trading” Natsaannati Zannabaa gama isaaniin, kaayyoo olaanaan pirojektichaa dargaggoota biyyaa fi hawaasa tajaajilan ga’oomsuuf akka ta’e himan.

Leenjichi waggoottan saddeettan dhufan naannolee hundaa fi bulchinsa magaalotaa lamaanitti kan hojiirra oolu ta’uu ibsuun, kanaanis dargaggoota miiliyoona 20 leenjisuu fi leenjii leenjistootaan ammoo dargaggoota kuma 10 qaqqabsiisuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.