Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen Hojiirra Oolmaa Sulula Yaa’a Laga Abbayyaa mallatteeffame

Finfinnee, Ebla 3, 2016 (FBC)- Waliigalteen Hojiirra Oolmaa Sulula Yaa’a Laga Abbayyaa mallatteeffameera.

Waliigaltichis Biirolee Pilaanii fi Misoomaa Naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Beenishaangul Gumuz gidduutti mallatteeffamuun ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeeraa Bishaanii fi Inarjii Dooktar Abrahaa Addunyaa, akkasumas Bakka Bu’oonni Biiroolee Pilaanii fi Misoomaa kan mallatteessan yoo ta’u, karoora sulula Laga Abbayyaa haala qabatamaa seektarootaan hojiirra oolchuuf murteessaa ta’uun ibsameera.

Gurmaa’iinsaa fi adeemsa hoggansa karooricharrattis marii bal’aan gaggeeffamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.