Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen nageenyaa fi duudhaa walkabajuu naannichatti babal’isuu danda’u mallattaa’e

Finfinnee, Amajjii 4, 2014 (FBC) – Gumiin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa Dhaabbilee Amantaa Keeniyaa waliin Waliigaltee nageenyaa fi duudhaa walkabajuu naannichatti babal’isuuf dandeessisu mallatteessan.
Waliigaltichi dhimmoota nageenya waaraa fiduu, Finxaalessuummaa ittisuu fi kunuunsa uumamaa biyyoota lamaanirratti waliin hojjachuuf waliigaltee mallattaa’e ta’uu ibsameera.
Itoophiyaatiin Barreessaan Gumii dhaabbilee Amantaalee Ityoophiyaa Lubni Taagay Taaddalee fi Barreessaan Gumii dhaabbilee amantaalee Keeniyaa Ismaael Abdurehmaan waliigalticha mallatteessaniiru.
Sirnicharratti kan argaman walitti qabaa Gumii dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa Abuna Gorgooriyoos fi walitti qaban Gumii Dhaabbilee Amantaa Keeniyaa Jooseef Mootee waliigaltichi Gumiin biyyoota lamaanii hojii guddaa hojjechuuf gargaara jedhaniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.