Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen sadeenii hidha haaromsaarratti taasifamu Fulbaana 4, 2013 itti fufa

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) –Waliigalteen sadeenii hidha haaromsaarratti taasifamu Fulbaana 4, 2013 itti fufa.

Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts dambii guutinsaa fi lakkinsa bidhaanii hidha haaromsaarratti waliigalteen sadeenii taasifamu baatii Fulbaanaa irratti akka itti fufu Ministeerri Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii beeksise.

Ministeerri Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii ministeeronni dhimma bishaanii biyyoota sadeenii guyyaa kaleessaa walga’ii gaggeessu isaanii beeksiseera.

Walga’icharratti bakka buutonni Afrikaa Kibbaa, Gamtaa Awrooppaa fi Ameerikaa akkasumaas ogeessyyooni gamtaa Afrikaa irraa bakka bu’an hirmaataniiru.

Yerichatti torbee tokko darbetti ogeessoota biyyaan danbii guutinsaa fi lakkinsa bishaanii hidha haaromsaarratti gabaasni waliigaltee ogeessotaan taasifamaa ture dhiyaateera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.