Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen sirna galii si’ataa taasisuu mallattaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC)- Ministeerri Galiiwwanii waliigaltee sirna kaffaltoota gibiraa si’eessuu baankiiwwanii fi Eejansii Nageenya Odeeffaannoo waliin mallatteesseera.
Waliigaltichi Eejansii Nageenya Odeeffaannoo, Baankii Daldalaa Ityoophiyaa dabalatee baankiiwwan dhunfaa afur waliin kan mallatta’eedha.
Ministir Deettaan Ministeera Galiiwwanii obbo Zamadee Tafaarii, waliigaltichi Finfinneedhan alaattii kutaa biyyatti hundatti kan jiran kaffaltoota gibiraa fayyadamoo kan taasisuudha jedhaniiru.
Baankoonni dhuunfaas gara sirnachaatti akka dabalaman taasisuun caalmaatti kaffaltoota gibiraa fi qamolee gibira walitti qabaniif haala mijataa uumaa jedhaniiru.
Daayreektarri olaanaan Eejansii Nageenyaa Odeeffaannoo Dooktar Shumatee Gazaw, kaffaltoonni gibira bakka kam iyyuu ta’uun gibirasaanii baankiitti wayita kaffalaan nageenya odeeffannoo eeguuf itti gaafatamummaa qabna jechuusaanii ragaan ministeericharra argamee ni muul’dhisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.