Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen yeroof dhukaasa dhaabuu xumuramuu hordofee Isiraa’eel Gaazaa haleeluu itti fufte

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC) – Waliigalteen yeroof dhukaasa dhaabuu xumuramuu hordofee Isiraa’eel Gaazaa haleeluu itti fufuu gabaafameera.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu tibba darbe waliigalame akka itti fufu Kuwaataar, Ijiptii fi Ameerikaan tattaaffii taasiisaa turuu eerameera.

Isiraa’eel haleellaa Gaazaa itti fufuuf karoora qabaachuu ishee Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan ibsaniiru.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota torbee booda Isiraa’eel meeshaalee waraanaa gurguddoon Gaazaa haleeluu itti fufuu hordofee lammiilee nagaa Filisxeemiif of eeggannoo cimaan akka taasiifamu Antoonii Biliinkan hubachiisuu Al jaziiraan gabaaseera.

Erga waldhabdeen Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti eegalee hanga ammaatti lammiileen Filisxeem kumni 15 ol ajjeeffamuu eerameera.

Lammiileen Isiraa’ee kumni 1 fi 200 ajjeefamuu isaanii ragaaleen ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.