Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsa keessaa ba’uun gara Ijaarsa Diinagdeetti ceeneerra – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015 (FBC) – Ministeerri Dhimma Alaa haala Waqtaawaa ilaalchisuun ibsa torbee laateera.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Yaa’ii 5ffaa biyyoota guddinarra jiranii dhaabbata mootummoota Gamtoomanii cinaatti marii dippiloomaasii fi diinagdee bu’aa qabeessa taasiisuu ministeerichi ibsa lateen himeera.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam sochii Dippiloomaasii fi Diinagdee Ityoophiyaa ilaalchisuun ibsa torbee laataniiru.
Walitti bu’iinsa waggoottan lamaan darban keessa turre keessaa ba’uun gara Ijaarsa Diinagdeetti ceeneerra jedhan ibsa isaaniin.
Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa, Ingiliiz, Ameerikaa fi biyyoota biroo carraa Invastimantii Ityoophiyaan qabdurratti akka hirmaatan waamichi taasiifamuu dubbataniiru.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad abbootiin qabeenyaa Kuwaataar haala damee Invastimantii Ityoophiyaarratti hirmaachuu danda’anirratti marii taasisuu eeraniiru.
Abbootiin qabeenyaa Kuwaataar damee oomishaa fi ijaarsaarratti bobba’uuf fedhii agarsiisuu himaaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Paakiistaan 70 ol ta’an dameewwan Invastimantii Ityoophiyaarratti hirmaachuuf Finfinneetti kan argaman ta’uu eeraniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.