Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsi Sudaan karaa nagaan akka furamu Itiyoophiyaan deeggarsa ni taasifti-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 29, 2016 (FBC)- Walitti bu’iinsi Sudaan karaa nagaan akka furamu Itiyoophiyaan deeggarsa taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Yaa’ii Addaa Dureewwan Dhaabbataa Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa 41ffaarratti hirmaachuuf har’a ganama Jibuutii galuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, “Obboleessa koo Pireezidaanti Ismaa’eel Omar Gilleen dhimma Sudaan irratti Yaa’ii Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa keessummeessuu isaaniif galatan dhiyeessa “ jedhaniiru.

Itiyoophiyaan walitti bu’iinsi Sudaan karaa nagaan akka furamuuf tattaaffii taasifamu jabeesitee deeggarti jedha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.