Fana: At a Speed of Life!

Walitti qabaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf kaadhimamtoonni xumuraa lama ifoomaan

Finfinnee, Sadaasa 22, 2016 (FBC) – Walitti qabaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf kaadhimamtoonni xumuraa 2 adda ba’uu Koreen Calaltuu Hoggansa Boordii Filannoo beeksiise.

Koreen kun Sadaasa 3 – 13, 2016tti eeruu 56 fudhachuu beeksiseera.

Namoota eeruun dhiyaatan kanneen ugaalaa kaa’ameen hojii adda baasuu hojjetameen namoonni dhuunfaan 5 adda ba’anii turuu ibsameera.

Namoota shanan adda ba’an keessa lama ulaagaa xumuraa darbuun dhiyaachuu eerameera.

Haaluma kanaan Aadde Meelaatwarqi Hayiluu fi Obbo Taaddasaa Lammaan kaadhimamtoota xumuraa ta’anii akka dhiyaatan boordichaan filatamuu EBCn gabaaseera.

Namoonni kunneen Ministira Muummee FDRI Dooktr Abiy Ahimadiif kan dhiyaatan ta’a jedhame.

Namoota lamaan keessaa tokko Walitti qabaa Boordii Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa ta’uun wayita muudaman Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan ni ragga’aan eegama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.