Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin biyyaalessaa dhimma hawaasarratti xiyyeeffate guutuu biyyattiitti eegalame

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Mijeessummaa Ministeera Nageenyaan adeemsi waltajjii biyyaalessaa dhimma hawaasarratti xiyyeeffate guutuu biyyattiitti har’aa eegalee jalqabeera.
Waltajjiin kun dhimmoota naannoo fi biyyaarratti maatii hanga hawaasa bal’aatti waliin mari’achuun waliigaltee biyyaaleessa uumuuf karaa mijeessuuf kan kaayyeffame ta’uu himameera.
Hawaasa rakkoolee isa muudate karaa salphaan hiikuu danda’u, bifa ammayya’a fi qindaa’een ijaarsa nageenya fi demookirasii keessatti hirmaatu horachuudha jedhame.
Hawaasa yaada moo’ataa, qaroomina qabuu fi bifa ammayyaan rakkoo nageenyaa fi hawaasummaa isa qunname mariin furuu danda’uu fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuu danda’u uumuuf waltajjii qophaa’e ta’uus eerrameera.
Waltajjiin biyyaalessaa kun bu’aa qabeessa akka ta’u qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu Ministeerri Nageenyaa waamichi dhiyeesseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.