Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Gumii Balal mata duree ”Duudhaalee waldanda’uu, gahee tokkummaa cimsuurratti qabu” jedhuun gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 13, 2014 (FBC) – Waltajjiin Gumii Balal marsaa 16ffaan mata duree ”Duudhaalee waldanda’uu,gahee tokkummaa cimsuurratti qabu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Waltajjichi waajjira Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.

Marichaaf yaada ka’umsaa kan dhiyeessan Itti aanaa Daayrektera Inistityuutii qo’annoo fi qorannoo Oromiyaa Obbo Sintaayyoo Tolaa fi Yuunvarsiitii Naannoo Oromiyaatti, Daayrektera Inistityuutii qorannoo afaan, aadaa fi aartii Oromoo Obbo Leeniin Quuxoodha.

Waltajjicharrattis Abbootiin gadaa, haadholiin siinqee fi hayyoonni biroo maricharratti argamuu ragaan waajjira preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaarraa argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.