Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin leenjii hoggansa paartii Badhaadhinaa naannoo Amaaraa fi naannoo Kibbaa xumurame

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Leenjiin hoggansa Paartii Badhaanidhaa Waajjira damee naannoo Amaaraa fi naannoo Kibbaa guyyoota shaniif gaggeeffamaa ture xumurame.
 
Leenjiin Paartii Badhaadhinaa Waajjira damee naannoo Amaaraa marsaa 1ffaan waliigaltee olaanaan kan itti uummame ta’uu ibsameera.
 
Leenjichi ijaarsa dandeettii fi ergama itti aanu milkeessuun biyyatti ceesisuuf qooda olaanaa qaba jedhame.
 
Ijaarsa demookraasii fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf leenjii milkiin xumuramuu ta’uu itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Amaaraa Aganyahu Tashaagar dubbataniiru.
 
Nageenyaa naannichaa mirkaneessuu, misoomaa eegalamee itti fufsisuu fi gaaffiilee ummataa deebisuuf hoggantoota kanneen waliin waliigalteerra ga’amuu ibsameera.
 
Hidha Haaromsa Guddicha dabalatee Proojaktoota biyyaalessaa eegalaman xumursiisuuf hoggantoonni kunneen hirmaannaa hawaasa qindeessuu akka qaban kallattiin kaa’ameera.
 
Leenjii kanarratti hoggantoonni naannoo, godinaalee fi aanaalee 700 hirmaachuu ibsameera.
 
Waltajjiin leenjii hoggansa Paartii Badhaadhinaa waajjira damee naannoo Kibbaa magaalaa hawaasatti gaggeeffamaa tures xumurameera.
 
Hoggantoonni kunneen falaasama ida’amuu fi bu’ura badhaadhinaa hubatanii qormaata haala yeroo qunnamu darbuuf hubannoo dandeessuu horachuu isaanii itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Xilahuun Kabbadaan dubbataniiru.
 
Dhimmoonni ijaarsan walqabatan hojii karaa nagaan xumuramuu qabu ta’uu hubachuun hoggantoonni kunneen qindoominaan socho’uu akka qaban ibsameera.
 
‘Badhaadhina biyyaaf dursa laachuun kan imalli yoo ta’e bu’aa qabeessa ta’uu dandeenya’ jedhan itti aanaa Preezdaantiin naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw.
 
Qoramaataalee ce’uu kan dandeenyu yoo waliin dhaabbanne qofaadha jedhan.
 
Leenjiin laatame hoggansa gidduutti yaada fi waliti dhiyeenya hojmaataa uumuu isaa eeraniiru.
 
Yaada fi ergama Paartii Badhaadhinaa karaa guutuun hubachuun ga’umsaan qoramaata darbuun badhadhinaa hunda galeessa ummataa mirkaneessuuf shoora ni qabaata jedhame.
 
Leenjii kanarratti hoggantoonni naannoo, godinaalee, aanaalee addaa fi bulchiinsa magaalotaa 500 ol ta’an hirmaachuu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Kibbaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.