Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Leenjii hoggansa Paartii Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa xumurame

Finfinnee, Qaammee 1, 2012 (FBC) –Waltajjiin leenjii hoggansa paartii Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa torbaan tokkoof magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa ture xumurame.
 
Waltajjicha irratti argamuun hasawaa cufiinsaa kan taasisan miseensi koree hojii raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaa fi preezdaantiin mootumma naannoo Oromiyaa obbo Shimallis akka paartii Badhaadhinaatti ammas hojii guddaa hojjachuutu nurraa eeggama jedhan.
 
Paartiin Badhaadhinaa bu’aa ba’ii mudatu hunda obsaa fi ciminaan darbuun bu’aawwan hedduu hojjateera jedhan.
 
Badhaadhinni seenaa keessatti paartii yeroo jalqabaatiif sabaaf sablammoota hunda wal qixxummaan hirmaachiseedha jedhan obbo Shimallis.
 
Akka biiroon dhimmoota koominiikeeshini mootummaa naannoo Oromiyaa ibsetti,galmii guddaan paartii Badhaadhinaa daandii jijjiiramaa qabateen ijaarsa diinagdee qabatamaa fiduun ummata gara badhaadhinaatti ceesisuudha.
 
Obbo Shimallis,qabeenya Bishaanii naannoon Oromiyaa qabdu seeran itti fayyadamuun murteessaa fi daandii badhaadhinaati jedhan.
 
Itti gaafatamaan waajjira paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa gama isaaniitin”Fayyadamummaa Ummata giddugaleesa karaa godhateen Paartiin Badhaadhinaa cimee ni hojjata jedhan.
 
Bu’aa hanga ammaatti jiruun injifannoon olaanan gama hundaan muul’te agatsiiftuu ta’uu ibsan.
 
Obbo Fiqaaduun,hoggansi leenjii argatetti gargaaramuun biyya hunda hammattu ijaaruuf cimee hojjachuu qaba jedhaniiru.
 
Ilaalcha tokkoomeen nagaa fi tasgabbii biyya keenyaa mirkaneessuuf hojjachuun dubbii ijoo ta’uu qaba jedhan obbo Fiqaaduun.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.