Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii biyyaalessaa ‘Waa’ee Ityoophiyaa’ jedhu Dirree Dawaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 13, 2014 (FBC) – Waltajjiin marii biyyaalessaa 2ffaan ‘Waa’ee Ityoophiyaa’ jedhu Dirree Dawaatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Waltajjii kanarratti Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee, Ministira Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allebal dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa biroo fi ogeeyyiin damichaa, akkasumas abbootiin qabeenyaa hirmaachaa jiru jedhame.
Waltajjichi mata duree ‘Ityoophiyaan yaa oomishtu’ jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’uu, agarsiifni suuraa haala Ityoophiyaa bara 1950 fi 1960 eegalee hanga ammaatti jiru dhiyaachuun daawwatamaa jira jedhameera.
Waltajjiin biyyaalessaa qopheessummaa dhaabbata Preesii Ityoophiyaan gaggeeffamaa jiru kun magaaloota 11 keessatti kan itti fufu ta’uu eerameera.
Waltajjiin jalqabaa magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamuun kan yaadatamuudha.
Taarikuu laggasaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.