Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii hojii kenna tajaajila lammummaa fi gahee dhaabbilee amantaarratti xiyyeeffate gaggeeffama jira

Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC)- Waltajjii marii hojii kenna tajaajila lammummaa fi gahee dhaabbilee amantaarratti xiyeeffate magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjiirratti Itti Aantuun Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa fi Qindeessituun kilaastera diinagdee aadde Caaltuu Saanii fi abbootiin amantaa argamaniru.

Waltajjichaan dhaabbileen amantaa dhaloota biyya jaallatanii fi hawaasa tajaajilan uumuu keessatti ga’ee guddaa qabu jedhameera.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa naannoo Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu waltajjicharratti haasaa taasisanii, aadaa hojii ummata keenyaa jijjiiruu keessatti gaheen abbootii amantaa olaanaadha jedhaniiru.

Kana malees hojii tajaajila lammummaa kana dura hojjechaa jiran cimsanii akka itti fufan dhaamaniiru.

Mootummaan hojii tajaajiila lammummaa kana galmaan ga’uuf  labsii baasee hojiiwwan garagaraa hojjechurratti argama jedhaniiru.

Daagimaawwi Deeksisaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.